Skip to main content

Macaafa Qulqulluu Kaakuu Haaraa Seera Uumamaa 1

 
 Seera Uumamaa 1 
1 Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume; 2 lafti bifa hin qabu, onaas ture; callabboo gad fagoo irra dukkanatu ture, hafuurri Waaqayyoos bishaan irra in sosocho'a ture. 3 Waaqayyo, "Ifni haa ta'u!" jedhe; ifnis in ta'e. 4 Waaqayyo ifichi gaarii akka ta'e in arge; ifichas dukkanichattii gargar in baase. 5 Waaqayyo ificha "Guyyaa", dukkanichas "Halkan" jedhee in moggaase; galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa tokkoffaa dha. 6 Waaqayyo, "Bishaan keessatti bantiin akka waciitii gombifame tokko haa ta'u, innis bishaan isa ol hafee fi isa gad hafe gargar haa baasu!" jedhe. 7 Waaqayyo bantii akka waciitii kana itti godhe, bishaan bantii kanaa gad jiru bishaan bantii kanaa ol jiruttii gargar in baase; akkasumas in ta'e. 8 Waaqayyo bantii sana "Waaqa" jedhee in moggaase; galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa lammaffaa dha. 9 Waaqayyo, "Bishaanonni bantii waaqaa kanaa gad jiran iddoo tokkotti walitti haa qabaman, lafti inni bishaan irra hin ciifne haa mul'atu!" jedhe; akkasumas in ta'e. 10 Waaqayyo, iddoo bishaan irra hin ciifne sana "Lafa", bishaanota walitti qabaman sana immoo "Galaana" jedhee in moggaase; kunis gaarii akka ta'e in arge. 11 Amma immoo Waaqayyo, "Lafti biqila haa baasu! Dhaabaan akka qomoo isaatti sanyii godhatu mukkeetiin ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban adduma addaan akka qomoo isaaniitti lafa irratti haa argaman!" jedhe; innis akkasuma in ta'e. 12 Lafti biqila, dhaabaa sanyii godhatu akka qomoo qomoo isaatti, mukkeetii ija kennanii iji isaanii immoo sanyii of keessaa qaban, adduma addaan akka qomoo qomoo isaaniitti in baase; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge. 13 Galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa sadaffaa dha. 14 Akkasumas Waaqayyo, "Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii waaqaatti ibsoonni haa jiraatan! Isaan milikkitoota buusaan waggaa, guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman haa ta'an! 15 Isaan ibsoota bantii waaqaattii lafa irratti ifa kennan haa ta'an!" jedhe; innis akkasuma in ta'e. 16 Waaqayyo ibsoota gurguddoota lama tolche; inni caalu guyyaa, inni isa irra xinnaatu immoo halkan aboo akka argatan godhe; urjootas in tolche. 17 Waaqayyo akka isaan lafa irratti ibsaniif bantii waaqaatti isaan in kaa'e; 18 guyyaa fi halkan aboo akka isaan qabaataniif, ifaa fi dukkanas akka isaan gargar baasaniif inni achi isaan in kaa'e; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge. 19 Galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa afuraffaa dha. 20 Waaqayyo, "Bishaanonni tuuta lubbuu qabaatanii munyuuqaniin haa guutan! Simbirri, allaattiinis bantii waaqaa jala lafa irra haa balali'an!" jedhe. 21 Waaqayyo yommus bineensota gurguddaa warra akka jawwee galaanaa, uumama lubbuu qaban bishaan keessa munyuuqan hundumaa akka qomoo qomoo isaaniitti, warra baalee qabanis akka qomoo qomoo isaaniitti in uume; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge. 22 Waaqayyo, "Horaa, baay'adhaa, bishaanota galaanaas guutaa, simbirroonni, allaattonnis1 lafa irratti haa baay'atan!" jedhee isaan in eebbise. 23 galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa shanaffaa dha. 24 Ammas Waaqayyo, "Lafti, waan lubbuu qabaatee jiraatu akka qomoo qomoo isaatti, horii qe'ee, wanta munyuuqu, bineensa lafaas akka qomoo qomoo isaaniitti haa baasu!" jedhe; innis akkasuma in ta'e. 25 Waaqayyo, bineensota lafaa akka qomoo qomoo isaaniitti, horii qe'ees akka qomoo qomoo isaaniitti, wanta lafa irra munyuuqan hundumaas akka qomoo qomoo isaaniitti in uume; kunis gaarii akka ta'e Waaqayyo in arge. 26 Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in umnaa! Isaan qurxummii galaanaa irratti, simbiraa fi allaattii qilleensa keessa balali'an irratti, horii qe'ee irratti, bineensa lafaa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa haa qabaatan!" jedhe. 27 Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume; 28 Waaqayyo isaaniin, "Horaa, baay'adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balali'an irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!" jedhee isaan in eebbise. 29 Yommus Waaqayyo, "Kunoo, ani biqila sanyii godhatu isa irra lafaa hundumaa irra jiru, muka ija godhatee sanyii isaas ija isaa keessaa qabu, isiniif kenneera; isaan nyaata isiniif haa ta'an! 30 Bineensa lafaa hundumaa fi simbira qilleensa keessa balali'an hundumaaf, wanta lubbuu qabaatee jiraatuu fi lafa irra munyuuqu hundumaaf, biqila lalisaa hundumaa nyaataaf kenneeraaf" jedhe; innis akkasuma in ta'e. 31 Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baay'ee gaarii ture; galgallis ta'e, ganamnis ta'e; kun guyyaa ja'affaa dha.

Comments

Popular posts from this blog

ናዝሬት አማኑኤል Nazret Amanuel #5 2018

የሊሊ የድሮ መዝሙሮች ስብስብ (Lili Tilahun Amharic old songs)